barsiisa afuura qulqullu


1. Ogummaadhaan dubbachuu:

dandeettii fi hubannaa addaa namoota Waaqayyoof kennamuun rakkoo akka hiikaniif gargaara. Kallattiin Hafuurri Qulqulluu biraa kan dhufu dha malee muuxannoo waggaa dheeraan miti ( Luq.21:13-15). Wanti kun geggeessaa saba waaqayyoof ta’uu danda’a (Hoe 6:2-4 ;15:13-21). Hojii Waaqayyoo hojjechuuf yk namantii ofii guddifachuuf ogummaa namaatti hirkachuu hin barbaachisu ; namni ogummaan itti hir’ate Waaqayyoon kadhachuu qaba( Yaaq 1:5).

2. Beekemsaan barsiisuu:

Beekumsa addaa hafuura qulqulluun kan dhufu . Phawuloos akkas jedha ”…kennaa isa Waaqayyo biraa nuuf kenname beekuudhaaf hafuura isa Waaqayyo biraa dhufe fudhanne malee, hafuura biyya lafa kanaa hin fudhanne” ( 1Qor 1:12). Kana malees kennaa phexros ittiin Anaaniyaasii fi Safiiraa akka hafuura qulqulluu soban ifatti baase kennaa beekumsa hafuura qulqulluutiin.

3. Amantii:

fayyinaaf kan amanan miti. Amantii adda ta’e tokko dha; wanta hin baratamne keessaatti . Fakkeenyaaf Ibroota 11 iraatti akka caqafame, 1mot 18:33-40 .

4. Kennaa warra dhukkubsatan fayyisuu:

Kennaan kunis akka kennaawwan biro kan kennamu nama dhukkubsateef maslee namicha kennaa kun kennameef miti. (Hoe 3:6), “ Phexroos’ ani meetii fi warqee hin qabu , waanan qabu garuu siifan kenna ; maqaa Yesuus Kiristoos nama naazireetiin ka’ii , adeemi! ‘’ yeroo jedhutti wanti inni qabu tokko kennaa kana ture. Kunis kan nu hubachiisu kennaan warra dhukkubsatan fayyisuu warraa dhukkubsataniif malee nama dhuunfaatu akka qabeenyaa tti ittiin boona miti. Yookiin galii ittiin argata miti.Hafuuri qulqulluun warri dhukkubsatan akka amantii qabaatan isaan garaagara. Namni kennaa kana qabus amantii, obsaa fi jaalala namootaaf qabaachuu akka danda’u godha.

5. Dinqii hojjechuu:

kennaan kun humna Waaqayyoo kan mul’isu dha; kan namni yaadeen olitti wanta raawwatu dha. Waaqayyoof ulfina kan kennu, seexana kan yeellasiisu, nama Waaqayyoo hidhaattii kan hiikuu dha. ( Hoe 12:6-19, Mat.14:13-21)

6. Raajii dubbachuu:

Raajii dubbachuu jjechuun waaqayyoof dubbachuu dha(Kesde 18:18-19).Kunis wantoota sadii of keessatti qabata akka 1Qor 14:3-4, “ namni waan waaqayyo isatti mul’ise himu immoo, cimsuudhaaf , gorsuudhaaf, jajjabeessuudhaaf namootatti dubbata3. …inni waan Waaqayyo isatti mul’ise himu immoo waldaa kiristaanaa in cimsa.4” Kanaaf wantoonni sadan kunniin cimsuudhaaf, gorsuudhaaf, jajjabeessuudhaaf. Raajiin dubbatame sagalee Waaqayyoon ilaalamuu fi qoramuu qaba ;tuffatamuus dhiifamuus hin qabu. (1Qor 14:29, 1Tes.5:19-22, Kes18:21-22) .Kana malees gara Waaqayyootti deebisuu isaa (Kesdeb 13:1-3)

7. Hafuurota gargar baasee beekuu:

Kun karaa adda addaa kennamuu danda’a; fakkeenyaaf aboo hafuuraan hafuura yeroo sanatti namni tokko ittiin geggeeffamee tajaajilaa jiru adda baasuun , humna hafuura qulqulluun ta’a kun.Hafuurri adda bahu kun akka inni 1) hafuura qulqulluu ta’e, 2) hafuura foonii fi dhiigaa ykn fedha nama/yaada namaa ta’e, 3) hafuura seexanaa ta’e akka adda baasuu dha.Fakkeenyaaf yeroo namni tokko lallabu ykn barsiisu, raaju,kennaan hafuurota adda baasuu kun nama kennameef sana akka adda baasu godha.Fakkeenyaaf Macaafa Hojii ergamootaa Boqonnaa 16 keessatti akkaataa itti Phaawuloosii raawwate.

8. Afaan hin beekamneen dubbachuu fi Afaan hin beekamne sana hiikuu

Inni kun kennaa addaati malee akka yeroo namni hafuura qulqulluun guutame tokko milikkita ta’uuf dubbatan miti fakkeenyaaf ( 1Qor.14:22). Kennaan akkasii kun akka raajiitti kan dhufu dha. Waaqayyo saba isaatiif yaada qabu kennaa kana warra qabaniin kan inni dabarsu dha. Kunis akkuma raajii dubbachuutti garuu namichi dubbatee yoo kennaa hiikuus qabaate itti aansee hiikuu qaba afaan namoonni achi jiraan hubatanitti. Yoo inni kennaa hiikuu hin qabaanne namni kennaa kanaa qabu yoo walgahicha keessa jiraate hiikee dabarsa.Yeroo afaan haaraa hiika jedhamu dirqama jecha jechaan hiika jechuu miti. Inni afaan haaraan dubbate jechoota baay’ee dubbatee kan hiiku immoo yaada gabaabaa namootaaf kaa’uu danda’a. Yookin immoo inni afaan haaraan dubbatu jechoota muraasa dubbatee kan hiikuu immoo yaada dheeraa dabarsuu danda’a.Yoo kan hiiku hin jirre garuu Waldaa keessatti afaan haaraan dubbachuun ergaa yoo dabarsee illee gatii hin qabu. (1Qor 14:22-24;26-29) .

Gudufaa (Conclusion)



End!