2. Hafuura Qulqulluun guutamu irratti ilaalchawwan jiran
2. Hafuura Qulqulluun guutamu irratti ilaalchawwan jiran
Isa kana ilaalchisee amantoota tokko tokko gidduutti ilaalcha garaa garaatu jira. Gareen tokko namni hafuura qulqulluun guutame dirqama afaan haaraan dubbachuu qaba jedhu yoo ta’u ilaalcha Phenxeqosixaal yookiin immoo akkaataa ittii aannuun wanti lafa taa’e jira.
Speaking in tongues, also known as glossolalia, is seen as proof of the baptism with the Holy Spirit. This is one of the differences between Pentecostal and Charismatic theology. See The Doctrine of Tongues (This experience of Spirit baptism and its initial evidence in tongue speaking must be earnestly sought by believers.
It doesn't just happen; conditions must be met. Consciously, fervently, actively the seeker has to do these things
Jarreen kunis ka’umsa kan godhatan yeroo namoonni dhibbaa fi digdama ta’an hafuura qulqulluun guutamuun afaan haaraa duubatan ( Hoe 2:4.) Afaan haaraan dubbachuun mallattoo hafuura qulqulluun guutamuu ta’uu danda’a karaa tokko. Karaa biraatiin immoo hafuura qulqulluun guutamanii afaan hin beekamneen , duratti kan hin beekneen, dubbachuun mallaatto qofa osoo hin taane kennaa dinqii fi guddaa dha(Hoe 11:15-17, 1Qor 1:22).Haa ta’u malee hafuura qulqulluun geggeeffamanii hojii dinqii hojjechaa kan afaan haaraa hin dubbanne jiru. Fakkeenyaf bara si’anaa hojjetaa wangeelaa beekamaa kan ture Doktor Biilii Giraam, namoota kumaatamaan lakkaa’aman kara Kiristoositti nama deebise dha . Garuu afaan haaraa hin dubbatu.Kanaa fi kanneen kana fakkaatan irraa ka’uun garee biro dirqama afaan haaraa dubbachuu hin qabu jedhu. Barreeffani itti aannu akkas itti kaa’a.
Charismatics believe in the doctrine of Tongues, they do not place as much of an emphasis on this doctrine as Pentecostals do. In other words, it is possible to receive the baptism and not speak in tongue. Gareen kun egaan afaan haaraan dubbachuun dirqama miti jedha garuu hafuuraa qulqulluun guutamuun barbaachisaa akka ta’e in fudhata. Namni akka Biilii Giraam hin beekamne tokko immoo akkamiin hafuura qulqulluudhaan guutamuu isaa mirkaneeffanna gaaffiin jedhu ka’uu danda’a.Hafuura qulqulluun guutamuu nama tokkoo jijiirama inni fiduun madaaluun in dandaa’ama. Kana malee firii hafuuraa jaala dhugaa, argama Waaqayyoo hojii hafuurraa inni hojjetu keessatti , akkasumas dhuga bahumsa waa’ee Yesuus firootaa fi hiriyyootaaf inni godhu kan duraa irraa haala adda taheen , maalif yoo jennu Yesuusiin dhugaa bahuun humna hafuura qulqulluun waan ta’u dha malee muuxannoonii mit ( Hoe 1:8) Waaqayyo namoonni amanan hundi waldaa Kiristaanaa keessatti humna hafuura qulqulluu akka qabaatan barabaada. Kana irra darbee geggeessaa hafuurichaan gara bilchinaatti akka dhufan fedhas.Humna hafuuraa kan qabaatamu yeroo tokkicha hafuura qulqulluun cuuphamuun/guutamuun kan raawwatu osoo hin taanee yeroodhaa yerootti hafuurichaan guutamuu barbaachisa.Phaawouloosi hubannaa fi humna hafuurichaa akka qabaataniif warra Efesooniif kadhata “Waa’ee namummaa keessan isa keessaaf immoo, abbaan akka badhaadhummaa ulfina isaattiitti karaa hafuura isaatiin humnaan guutamuu akka isiniif kennuuf nan kadhadha.” ( Efe.3:16). Kana malees bartoonni gooftaa hafuura qulqulluu yeroo tajaajila isaanii keessatti daddabalanii akka guutaman Macaafa Hojii ergamootaa keessatti hubachuu dandeenya. Kanaaf guutamuun hafuuraa yeroo tokkook kan dhaabatu miti.
3. Namani hafuura qulqulluun guutame tokko cubbuu irraa guutummaa guutuutti walaba ta’ee jiraataa?
Gareen tokko tokko akka barsiisanitti namni hafuura qulqulluudhaan guutame tokko cubbuu irraa walaba ta’ee jiraata jedhu. Garuu akka Macaafni qulqulluun jedhutti sirrii miti barsiis isaanii. Yohaannis akkas jedha ,” Cubbuu hin qabnu yoo jenne of in sossobna;dhugaanis nu keessa hin jiru” (1Yoh 1:8). Iddoo cubbuu hin qabnu jennuu ,” cubbuu keenya yoo isatti himanne, inni amanamaa fi qajeelaa waan ta’eef, cubbuu keenya nuuf dhiisa.” ( 1yoh 1:9).Kanaaf amantoonni yeroo tokko hafuura qulqulluun guutaman yeroo itti dogoggoran jira. Kutaan kunis waa’ee cubbuu amantootaa dubbata tasumaa warra gara Yesuus hin dhufneef miti.
Dhalli namaa uumamaan cubbuu qaba ( Rome 7:14-18) .Garuu wal’aansoo wal qabuun jira qulqullummaa wajjin.Wal’aansoo kana immoo kan gargaaruu hafuura qulqulluudha.Wal’aansoo yoo jedhu fedhi foonii hafuuraan morma; hafuurris fooniin morma jechuu dha. Kunis keessa namootaa tti wanta ta’u dha. Waluumaagalatti nuti amantoonni hafuura qulqulluun guutamuu in barbaannaa? Deebiin keenya eeyyee kan jedhu dha. Tokkoo tokkoon miseensa waldaa kiristaanaa osoo hafuura qulqulluun guutamee, waldaan keenya salphaatti hojii wangeelaa hojjetti.
Gaaffiilee armaan gadii yaalii
1. Hojii Ergamootaa 8:17-24 dubbis. Mee humna hafuura qulqulluu ilaalcha biyya keenya keessatti hafuurota hamaa irratti jiru waliin wal bira qabi.Humna hafuurri hamaan qabuu fi kan hafuura qulqulluu wal bira qabuun ibsi. Cubbuun Simoon maal ture? 2. Hafuura qulqulluun guutamteettaa?/Cuuphamteettaa? Yoo deebiin eeyye tahe, jijiirama akkamii ofi irraatti argite? Maaltu sitti dhagaahame yeroo jalqabaaf yeroo guutamte?
Kennaawwan Hafuura Qulqulluu (Kennaa Hafuuraa)
Erga gara warra Qorontos Isa duraa Boqonnaa 12 irratti waa’ee kennaa garaa garaa hafuurri qulqulluun kennu Phaawuloos sirrii godhee ibseera.” Yaa obboloota ko! Waa’ee kennaa garaa garaa hafuurri qulqulluun kennuu, akka hubattan nan barbaada.” (1Qor 12:1). Phaawuloos wanti inni warra Qorontoositti dubbii kana beeksisuu barbaadeef odeeffannoo odeeffaannoo kana osoo hin qabaatin akka hin hafneef. Akkasumas Waaqayyoo waldaan Kiristaanaa yeroo ammaa jirtu kana akka beektu in barbaada.1Qor 12:3 irratti Phaawuloos akka itti hafuurri qulqulluun Yesuusiin mul’isuuf gargaaru ibsa.Eenyu illee hafuura qulqulluun geggeeffamee Yesuus abaaramaa dha akka hin jennee fi hafuura qulqulluun geggeeffame malee “ Yesuus gooftaa dha” jechuu akka hin dandeenye hubachiisa. “Yesuus gooftaa dha “ jedhanii ibsuuf akka Pheexroos eenyummaa Yesuus dubbatetti jechuu dha ,”Ati, Masiihicha, ilma Waaqayyoo jiraataa ti” (Matt 16:16). Hafuurri hamaan yeroo tokko tokko namoota akka dhugaa dubbatan in godha . Fakkeenyaaf, “ Xomboreen hafuura hoodaa dubbachiisu of keessaa qabdu tokko nutti…namoonni kun hojjetoota Waaqayyoo abbaati karaa fayyinaa isinitti himu ‘jette”.(Hoe 16:16-17) . Dhugaa haa dubbattu malee geggeessaa
hafuura qulqulluutiin hin turre kanaaf yeroo biraa Yesuus gooftaa dha jettee dhugaa bahuun Waaqayyoof ulfina kennuu hin dandeessu.
Phaawuloos akka jedhee barreessa kannaawwan hafuuraa:
1) Kennaa hafuuraa gosa garaa garaatu jira, hafuurichi garuu tokkichuma (1Qor 12:4)
2) Ergaa garaa garaatu jira , gooftaan ergamaniif garuu tokkichuma (1Qor 12:5).
3) Hojii garaa garaatu jira , Waaqayyo inni hojii hundumaa adduma addaan yaada namaa keessa kaa’u garuu tokkicha. (1Qor 12:6)
Kennaawwaan hafuuraa garaa garaa akka jiranii fi gooftaan garuu tokkicha akka ta’e akkumas hojiin hafuuraa karaa adda addaatiin kennaawwan kanaan akka raawwataman nu hubachiisa.Kutaa Macaafa kanaa keessatti Phaawulos kennaawwan hafuuraa sagal ibsee
argina.Kennaawwan kunniinis amantoota waldaa kiristaanaa keessa jiraniif hiramee akka hafuura qulqulluun kennamuufi dha. Nama tokko qofatu hunda isaanii qabaata jechuu miti.Kennawwan hafuuraa Kutaa 1Qor 12:8-10 Keessatti caqasaman yoo illaale kanneen armaangadiiti
1Qor 12:8-10 irratti
Ogummaadhaan dubbachuu
1 Qor 12: 29-30
Ergamoota (Apostles)
Barsiisaa
Rome 12:6-8 irratti immoo akkas jedha ,” Akka ayyaana Waaqayyo isa nuuf kennameetti kennaa garaa garaa qabna” kennaawwan kanneen armaan gadii kutaa kana keessatti arganna.
Efesoon 4:11” isumatu namootaaf Kennaa kenne;kennaan isaas kaan
| Rome12:6-8 |
|---|
Sababa dandeettii fi humni namoonni uumamaan qaban ykn horatan hojii Waaqayyoo hojjechuuf gahaa hin taaneef, akkasumas jireenya foonii ykn biyya lafaa jijjiiruu hin
dandeenyeef kennaawwaan hafuuraa Waaqa biraa kennamuun barbaachisaa ta’e.Amantoota Waaqayyoof hafuurri qulqulluun kennaawwaan garaa garaa kenna. Namoota garaa garaatiif jechuu dha, nama tokko miti kennaawwaan hundumaa kan qabaatu.Kennaa adda addaatu namoota adda addaatiif hafuurri qulqulluun hojii Waaqayyoo hojjechuuf gahoo akka tahaniif kenna. Kennaawwaan kun faayidaa nama kennameef sanaaf (nama dhuunfaa) osoo hin taane , waldaa kiristaanaaf.Macaafa qulqulluu keessatti bakka garaagaraatti argiona( Rome 12:6-8, 1Qor 12:7-11, 28-31, 13:1-3, Efe 4:712).
Guddina Waldaa Kiristaanaa ishee jalqabaa keessatti kennaawwaan hafuura qulqulluu hedduu barbaachiisaa akka ture Macaafni Qulqulluun in ibsa.Guddina hojii wangeelaas ariifachiisaniiru. Fakkeenyaaf dinqiiiwwaan garaagaraa hojjetamaniin namootni baay’een hidhaa irraa hiikamanii , gooftaa Yesuusitti amananiiru.Haa ta’u malee kennaawwan kunniin akka seenaan waldaa kiristaanaa ibsutti yeroo ta’e tokkotti dagatamanii akka turanii dha. Garuu yeroo ammaa kanaa amantii kiristaanaa amantii biro irraa adda kan godhu tokko kennaa hafuura qulqulluuti. Waldaa kiristaanaafis hedduu barbaachisa waldaan kiristaanaaf hubannaa horachuu kennaawwaan hafuuraa kanneen hojii Waaqayyoo hojjechaa jirti. Hanga Waldaan Kiristaanaa jirtuutti kennaawwan kunniin barbaachisoo dha. Irra caalaan kennaawwan hafuura qulqulluun kunniin 1Qor 12:8-10 irratti caqafamanii jiru.
Continue Reding