F. Wanta Hafuurri Qulqulluun warra Amantootaaf Godhu
F. Wanta Hafuurri Qulqulluun warra Amantootaaf Godhu
Namni tokko mootummaa Waaqayyotti galuuf hafuurri qulqulluun karaa baay’ee gargaara. Kunis jalqaba gara araara Waaqayyootti karaa Yesuusitti amanuun kaasee, hanga hafuurichaan qulqullaa’uutti (Tit 3: 5). Erga amannee fayyinee boodaas hafuurri qulqulluun wanta nuuf godhu hedduutu jiru. Yesuusitti amanuun ijoollee Waaqayyoo taaneera (Yoh 1 :
12) kana jechuun bittaa hojii dukkanaa jalaa (Efe 2: 2) gara mootummaa Waaqayyootti seeneerra jechuudha karaa Yesuus (Qol. 1 : 13)
1. Hafuurri qulqulluun guyyaadhaa guyyaatti jireenya keenya gara kiristoos fakkaachuutti jijjiira.
Kanas kan godhu keessa keenya buufachuun (Yoh. 14 : 16 -17). Amala keenya hundaa illee gara isa waaqayyo jallatuuti jijjiira. Karaa biraatiin ammo mallatoo itti gochuun (Efe.1:13–14) chaappaa hin mul’anneen mallatteeffamuun abdii garafuuldurattis qabnuus hubachiisa.
2. Hafuurri qulqulluun amantoota in jajjabeessa (Yoh 14:16, Efe 3: 16), in gargaaras,
kakuu moofaa keessatti hafuurri waaqayyoo Saamsoonii fi Daawitiif jajjabina kenneeraaf Kakuu Haaraa keessatti immoo kiristaanoota hundaaf kenna (Abo 14: 5 – 6, 1Sam 17 : 36 – 37, efe 3: 16, 209, Qol. 1 : 29).
3. Hafuuuri qulqulluun amantootaaf kadhata; akka kadhatan gargaaras. Yeroo tokko tokko maal akka kadhannu yoo wal’aalu hafuurri qulqulluun nuuf kadhata (Rom 8:26 –27, 1Qor 14: 14 – 15)
4. Humna kennuun akka dhugaa bahan godha. Hafuurri qulqulluun kiristaannoon akka tajaajilaanif kakaasa (Fil 2: 13; Hoe 1: 8, Qol. 1: 29) Phaawulos waa’ee humna Waaqaa yeroo dubbatu tajaajila isaa keessatti (Qol. 4: 3, efe 6 : 19 – 20) .
5. In geggeessa, hafuurri qulqulluun jireenya guyyaa guyyaa keessatti kiristaanota in geggeessa
(Rom 8: 14) yeroo Phaawuloosii fi Silaasi lallabaaf bahan (Hoe 16 : 6 – 7)
6. Lola hafuuraa mo’achuuf
Hafuurri qulqulluun kiristaanoota akka cimanii lola hafuura keessa darban gargaara (mat 26: 40 – 41, 1Yoh 4: 4; 5: 18, 2Tes 3: 3)
7. Tokkummaa kiristaanootaaf :Hafuurri qulqulluun tookummmaan hafuuraa kiristaanota gidduutti akka cimu godha. (Ef 4: 3 – 4). Tokkummaa cimaan amantoota gidduutti ta’u jaalala waaqayyooti (Gal. 5:16, Qol.3:12-14)
G. kayyoo Waaqayyoo Amantootaaf qabu
Kaayyoo Waaqayyoo inni jalqabaa kiristaanotaaf akka isaan jijjjiirama amalaa agarsiisuun Kiristoos fakkaachuutti dhufan gochuu dha(Rome 8:29). Macaafni Qulqulluun akkas jedha, ” …nuyi ulfinaa gara ulfinaatti darbuudhaan fakkaattii isaa akka taanuuf,akka goofiticha isa hafuura sana biraa nuuf dhufeetti in diddiiramna” ( 2Qor3:18). Ergamaan Phexroos fakkeenya cimaa nuuf ta’a jijjiirama hafuuraa keessatti.Inni nama beekamaa osoo Mandara Galiilaa keessatti qurxummii qabuun nama jiraatu ture.Erga Yesuusitti amanees kan dafee aaruu, obsa kan hin qabne jarjaraa ture (Mat.16:22, Yoh.21:7). Yesuus wajjin ta’uuf kaka’umsa guddaa qaba ture garuu yeroo inni fannifametti ganee ture. Erga Yesuus du’aa ka’ee booda , phexrosis hafuura qulqulluun guutame booda garuu jijjirama hangas hin jedhamnettu keessassaatti mul’ate.Wangeela lallabuuf ija jabina argate. Namoota kuma sadii ta’an yeroo tokkotti Kiristoosiif booji’uu danda’eera (Hoe.2:1441). Boodarras tiksee waldaa isa jabaa ta’uus danda’eera. Amantaa Kaatolikii Roomaatti “pope” isa jalqabaa jedhu amma iyyuu Pheexiroosin.Kana irraa kan ka’e Waldaa Guddaa Warra Kaatoliki Roomaa keessaatti maqaa Pheexiroosiin ijaaramee jira. Hafuurri qulqulluun jireenya nama kanaa qurxummii qabuu irraa kaasee gara amantaatti erga dhufees kan gane , gara lallaabaa fi tiksee cimaa ta’uu tti fideera.Namoota baay’ees hafuurri qulqulluun jireenya badaa keessaa baasuun amantoota gochuu irra darbee, jireenya isaanii guyyaadhaa guyyaatti jijjiiruun namoota addaa gochaa jira.Kanaaf kaayyoo Waaqayyo amantootaaf qabu guddaa dha. Kunis hafuura qulqulluun jijjiiramuun guyyaa dha guyyaatti akka guddatanii fi bilchina hafuuraa fidani dha.
H. Hafuura Qulqulluun akkamitti Gara kiristoos Fakkaachuutti Amantoota Geessu
Macaafni Qulqulluun akka jedhutti hafuurri qulqulluun akka amantoota wajjin, keessas jiraatu dha.” Inni isiniif dubbatu kun, hafuura dhugaati; biyyi lafaa waan isa hin argineef isa hin beekneefis, isa fudhachuu hin dand’u. Isin garuu , inni isinii wajjin waan turuuf ,isin keessas waan jiraatuuf isa beekuuf jirtu.”(Yoh 14:16-17). Egaan hafuurri qulqulluun haala kanaan gara Kiristoosi fakkaachuutti amantoota geessa.Akkasumas jabina hafuuraa illee dabaluudhaan kanneen guddina hafuuraa irratti dhiibbaa uuman mo’achuu akka danda’an godha. (Gal 5:17,Fil 2:13). Kana ta’ees osoo jiruu namani martinuu filannoo walaba ta’ee qaba.Kanaaf namni akka hafuurri qulqulluun jireenya isaa jijjiiru barbaadu fedha isaa hafuurichaf kennuu qaba ;dhiisuus danda’a.Amantoonni baay’een fedha isaanii hafuura qulqulluuf hin kennani guutummaa guututti jechuu dha. Kanaaf jijjiirama arguu hin dandaa’an.Macaafni Qulqulluun akkas jedha,” Hafuuraan geggeeffamaa jiraadhaa malee , fedha foonii hin raawwatinaa!” ( Gal. 5:16).Hafuuraan geggeeffamuuf filannoo/ fedha qabnu isaaf dhiisuu nu barbaachisa.Yeroo kana egaa gara Kiristoos fakkaachuutti kan dhufamu. Karaa biraatiin immoo yemmuu amantoonni hafuura qulqulluuf ajajamuun fedha isaanii kennaniif,inni immoo jijjiirama daangaa hin qabne jireenya isaanii keessatti fiduun gara Kiristoos fakkaachuutti geessa. Yeroo namni tokko Waaqayyoof ajajamuuf murteessu, hafuurri qulqulluun in gargaara. Yeroo kana egaa warra biroof ifa ta’uun kan dandaa’amu (Mat 5:16). Amantoonni xuraa’ummaa biyya lafaa irraa qullaa’aniiru. Phaawuloos yemmuu barreessu, ” Obboloota warra gooftaadhaan jaallatamtanii, hafuuraan qulqulleeffamuudhaan, dhugichattis amanuudhaan akkafayyitaniif Waaqayyo warra jalqabaa godhee waan isin fo’ateef.” (2Tes. 2:13-14)
Hojii kana gochuu kan danda’u Waaqayyo qofa. Cubbamoota gara qulqullootaatti fiduun saba Waaqayyoo kan godhu saayinsii yookiinis Falaasamni kamiyyuu hin jiru. Egaan cubbamoota gara Kiristoos fakkeessuutti qulleessuu keessatti hafuurri qulqulluun waan baay’ee amantoota keessatti hojjeta. Fakkeenaaf:
1. Mallattoo ( Chaappaa) /Sealing/ gochuun : hafuurri qulqulluun laphee amantootaa keessa buufata, mallattoo ta’uun saba Waaqayyoo akka ta’an mirkaneessaaf ( 2Qor 1:21-22, Efe 1:13-14). Yeroo kana eegumsa amansiisaa ta’e amantootaaf godha.Abdii guyyaa isa dhumaa ykn du’aa ka’uu boodaa illee itti ibsa (Efe 4:30).
2. In cimsa;in jajjabeessas: hafuurri qulqulluun amantoota in jajjabeessa (Yoh 14:16, Efe 3:16) . Kakuu Moofaa keessatti hafuurri qulqulluun Siimsooniif humna ta’eera(Abo 14:5-6) irratti argina. Kakuu haaraa keessattis jajjabina hafuura amantootaa akka kennu ( Efe 3:16,20) irratti argina.Inumaayyuu hafuurri ququlluun hafuura humnaa ti ( 2Xim 1:7).
3. Akka Kadhannaa kadhataniif gargaara; ( Rome 8:26-27,1Qor 14:14-15).
4. Akka tajaajilaniiff dhugaa bahaniif kakaaasa; Hafuurri qulqulluun amantoota akka tajaajilanii fi Kiristoosiin dhugaa akka bahaniif kakaasa (Fil. 2:13).Kana malees akka dhuga baatota tahaniif humna kennaaf (Hoe 1:8). Ergamaan phaawuloos dubbii kana sirriitti hubatee , amantoonni akka isaaf kadhatan gaafata (Qol.4:3, Efe.6:1920). Amantoonnis tajaajilafis ta’e dhuga bahuuf osoo hin bobba’I dura kadhata akka barbaachisu hubanna.
5. Firii Hafuuraa akka qabaatan godha. Akka amantoonni firii hafuuraa qabaatan kan godhu hafuura qulqulluu dha .
Ija hojii hafuuraa kan jedhamaniis jaalala, gammachuu, obsa, gaarummaa, arjummaa, amanamummaa, garraamummaa, of dhowwuudhas. (Gal 5:22-23).
Hafuurri qulqulluun amantoonni akka qorumsa hafuuraa mo’atan gargaara (Mat 26:40-41, 1Yoh 4:4, 5:18, 2Tes 3:3). Kana malees kennaawwan adda addaa amantootaaf kennuun akka wal tajaajilan godha (1Phex 4:10-11).
7. Namni hubate tokko Macaafa qulqulluu akka hubatuuf gargaara (Efe.3:16, 1Phex.2:2).
I. Akka Gareetti wanta Hafuurri Qulqulluun Waldaa Kiristaanaaf Godhu Hojiin hafuura qulqulluu erga waldaan kiristaanaa isheen jalqabaa hojii fi dhufuu isaatiin jalqabamtee ( Hoe 2:1-4) kaasee ammas itti fufee jira malee hin dhaabne hojjechuu .Kaayyoo Waldaan Kiristaanaa dhaabbaatteef fiixaan baasuuf hojii tajaajilaa keessatti hafuurri qulqulluun karaa garaagaraa garagaaraa jira. Fakkeenyaaf:
1. Waaqeffannoon akka jabaatuu fi namoota keessatti kaka’umasa uuma; Waldaan Kiristaanaa tokko guddachuuf inni jalqabaa Waaqayyoon sirriitti waaqessuu dha.Waaqayyo Saba Israa’eliif karaa Musee ajaja inni kenneefii ture keessaa inni jalqabaa akka waaqessanii dha (Bau 20:1-6). Bittaa warra Gibxii jalaas kan baase akka waaqessaniif. Har’as hafuurri qulqulluun waldaan kiristaanaa guutummaa guutuutti of kennuun (Rom 12:1) Waaqayyoof bitamuun (Yaaq.4:7) qalbii guutuun akka waaqesitu godha. Faarsaanii fi tokkummaan akka waaqessan godha ( Efe 5:18-20). Ergamaan Phaawuloos nuti hafuuraan Waaqayyoon waaqesina jedha. (Fil 3:3 ) .Yeroo waldaan Kiristaanaa hafuuraan waaqesitu , Waaqayyo immoo fayyisuufi eebbisuuf ka’a ( Far 50 :23). Kana waan ta’eef kennaawwan hafuuraa kennuun kan dhukkubsatan fayyisa, kan gaddan jajjabeessa (1 Qor 14 :26).
2. Waldaan Kiristaanaa dhuga baatuu akka taatuuf kakaasa ; Gooftaan Yesuus yeroo Waldaan Kiristaanaa isheen jalqabaa hundeeffamtetti kan inni bartoota isaatti hime (Hoe 1:8)
akka hafuurri qulqulluun dhufuu fi hojii isaan gochuu
qaban itti beeksisee ture. Kunis kan hubachiisu hafuurri qulqulluun hafuura humnaa waan ta’eef ija jabina dabaluun dhuga baatota akka isaan godhu itti beeksise Yesuus. Isaanis humna hafuura qulqulluu erga argatanii booda dhuga bahumsa waa’ee Yesuus raawwatan soda tokko malee. Har’as hojii Walgeelaa hojjechuuf kan barbaachisu humna hafuura qulqulluu ti. Humni hafuurichaa jiraannaan kaka’umsi babal’ina wakgeelas in jiraata.
3. Tiksee Waldaa Kiristaanaaf ta’an in muuda, in diba, waldaas in geggeessa. Hojii wangeelaa akka adaraatti waldaan kiristaanaa fudhatte, toora sirrii irra akka adeemsifamuuf hafuurri qulqulluun geggeesitoota muuda (Hoe 20:17,20).Amantoonni hundinuu hojii Waaqayyoo hojjechuuf yoo waamaman iyyuu ( 1Phex 2:9) ol aantummaan kan geggeessan tiksoonni in barbaachisu ( Efe 4:11, 1Xim 5:17, Tit 1:7).Muudamni Jaarsolii Waldaa guddina waldatiif iddoo guddaa qaba.Bartoonni yeroo waladaa ishee jalqabaa keessatti Jaarsolii fo’anitti warra amananii fayyani keessa filan turan. Adeemsa tajaajila wangeelaa keessatti , miseensonni waldaa dabalaa waan dhufeef jaarreen kun hojii garaagaraa akka hojjetaniif ( 1Xim 3:1-7, Tit 1:5-9). Kutaawwaan macaafa qulqulluu kan biro keessattis tajaajilli jaarsolii waldaa fi tiksee akka itti fufe argina. Kana gochuuf hafuurri qulqulluun gahee guddaa qaba. Tikseenii fi Jaarsoliin Waldaa Kiristaanaa kan geggeessaan dibataa fi muudama hafuura qulqulluutiin (2Qor1:21, 1Tes 1:5, 1Qor 2:4). Waldaan Kiristaanaa isheen jalqabaa hafuura qulqulluu waliin
waliti dhufeenya jabaa qabdi waan turteef, innis hojii geggeesummaa keessaatti daran gargaareera ( Hoe 6:1-6).J. Hafuura Qulqulluun guutamuu
Namoonni baay’een akka dhugaa bahanitti to’annaa hafuuraa jala tahuun akka jiru dha. Yeroo namni tokko to’annaa hafuuraa jala ta’u amalli isaa hundi in jijjiirama. Jabina adda ta’e yeroo itti qabaatu illee jira. Akkasumas afaan hin beekamneen dubbachuus danda’a.Itti dabaluusnis raajii illee raajuu danda’a. Hafuurri hamaan seexana biraa dhufu akkas gochuu danda’a. Macaafni qulqulluun haala namni tokko itti to’annaa hafuura qulqulluu jala ta’u yoo ibsu” hafuuraan guutamuu” jecha jedhu kaa’a.Fakkeenyaaf “ …Elsaabeex yemmuus hafuura qulqulluudhaan in guutamte.” ( Luq.1:41). Hafuura qulqulluun guutamuu fi hafuura hamaan guutamuu gidduu garaa garummaa guddaatu jira.Namni hafuura hamaan guutame tokko hojii seexanaaf guutummaa guutuutti of kenna.Seexanaafis abboomama. Namni hafuura qulqulluun guutame tokko immoo Waaqayyoof abbaaomamuun hojii isaatti of kenna. Maqaa Yesuusiifis ulfina kenna(1Qor 12:3). Kana malees namni hafuura hamaadhaan guutame tokko nama biraa miidhuus danda’a. Kan hafuura qulqulluun guutame garuu akkas miti. Gochaa isaan agarsiisan irraa iyyuu adda baasuun in dandaa’ama jechuu dha.Kana biraatiin immoo namni hafuura hamaan guutame nagaa guutuu hin qabu. Yeroo namni tokko hafuura qulqulluun guutamu amalli isaa guutummaa guutuutti in jijjiirama. Namni homaa hin beekne ykn hin baranne tokko hafuura qulqulluudhaan guutamuun nama barumsa guddaa qabuuf Yesuusiin dhugaa bahuu danda’a sodaa fi yeelloo tokko malee.Fakkeenyaaf, Phexroosii fi Yohaannis qurxummii qabuun kan jiraatan turan; erga amananiis soda keessa turan. Hafuura qulqulluun erga guutamanii booda garuu soda tokko malee dura buutota Yihuudotaatiif wangeela lallabanii turan( Hoe 4:13).Namoonni tokko tokko hafuura qulqulluun yeroo guutaman jabina qaamaa illee kan argatanii turan Macaafa Qulqulluu keessa jiru; Siimsoon(Abo 15:14-15) , kaan immoo raajii kan dubbatan (Luq 1:41-43). Guutamuun hafuura qulqulluu eebba, gammachuu, nageenya guutuu ,humna, fi jaalala gara namaa fida;keessa namaas guuta. Waaqayyoofis ulfina kenna. Guutamuu hafuura qulqulluun kan walqabate ilaalcha(View)
garaa garaatu jira.Haa ta’u malee waan Macaafni qulqulluun lafa kaa’u hubachuun barbaachisaa dha.Kakuu Moofaa Keessatti “ …Bazaali’el ..ani Waaqayyoo hafuura kootiin … guutera” (Bau31:2-3), “ Hafuurri Waaqayyoo waan isa irra buufateef,Giidewon fiingee lolaa in afuufe” ( Abo 6:34) , “ Battalumma sanatti hafuurri Waaqayyoo Siimsonniif dhufnaan, innis homaa osoo of harkaa hin qabaatin akkuma ilmoo reettiitti leencicha in kukkute”(Abo 14:6) Kanneen olitti caqasaman egaan Waaqayyootu ofii isaatii fo’atee hafuura isaatiin geggeessaa, hojii gurguddaas ittiin hojjechaa ture.Kana malees hafuurri qulqulluun namoota Waaqayyoo hedduu hojii addaa addaa hojjechiiseera. Kakuu Haaraa keessatti immoo yoo ilaallu Ergaman Gabri’eel dhalachuu yohaannis cuuphaa Zakkaariyaasitti yemmuu himu, Yohaannis garaa haadha isaa keessatti hafuura qulqulluun akka guutamu dha (Luq1:15). Yeroo Yohaannis dhalates Zakkariyaas hafuura qulqulluun guutamee raajii dubbate(Luq 1:67). Kana malees bartoota Yesuus dabalatee namoonni dhibbaa fi digdama ta’an gaafa guuyya shantamaffaa hafuura qulqulluun guutamaniiru(Hoe 2:4). Fakkeenyootni kunniin maal nu hubachiisu yoo jenne guutamuun hafuura qulqulluu akka jiru dha.Dandeettii fi humni hojiin Waaqayyoo ittiin raawwatamu guutamuu hafuuraan (Hoe 1:8).Dhugaan dubbii isaas ifatti bahee akka hubatamuuf Hafuurri Waaqayyoo hojii guddaa hojjeta.Yeroo tokko tokko immoo dinqii harka namaa fi beekumsa namaan hin dandaa’amne raawwachuun hojii fi humna Waaqayyoo mul’isa.
1. Amantoonni akkamitti hafuura qulqulluun guutamu?
Wanti hubachuu qabnu amantoonni hundi hafuura qulqulluun guutamuu akka qaban Macaafni qulqulluun ibsuu isaati “Dhugaatiidhaan machooftanii of hin wallaalinaa, isaanis of hin balleesinaa! Qooda kanaa hafuura qulqulluudhaan guutamaa” (Efe.5:18) Kun egaa yaadaa fi fedha Waaqayyoo ti. Hojii Mana Waaqaa keessatti akka ulaagaatti kan ture keessaa tokko , waldaa kiristaanaa ishee jalqabaatiif hafuura qulqulluudhaan guutamuu dha(Hoe6:3).Fakkeenyaaf Isxifaanoos isaan keessaa tokko yoo ta’u “ hafuurri qulqulluun kan keessa guute.” (Ho.6:5). Hafuura qulqulluun guutamuun fedha Waaqayyoo ti amantoota hundaaf. Bakka tokko tokkotti immoo Waaqayyoo ofii isaatiii filatee yeroo isaatti hafuura qulqulluun kannnen inni guute jiru. Fakkeenyaaf Bazaali’el (Bau 31:2-3), Yohaannis cuuphaa (Luq.1:15) . Kakuu Haaraa keessatti hafuura qulqulluuf akka kadhannu Yesuus cimsee barsiiseera. Kunis yoo kadhanne Waaqayyo humna hafuurichaa akka nu hin dhorkanne dha . “ Egaa isin hamoota taatanii utuu jirtanii, ijoollee keessaniif kennaa gaarii kennuu erga beektanii, abbaan keessan inni waaqa irraa immoo , hammam isin caalaa warra isa kadhataniif hafuura qulqulluu kenna!” (Luq 11:13) . Kanaaf nuti amantootaaf wanti wabii ta’u erga jiraatee dheebuu hafuurichaa qabachuu qabna.Hafuurri qulqulluun erga Yesuusitti amannee kaasee nu wajjin jira. Nu wajjin jiraachuu qofa osoo hin taane akka ittiin guutamnuuf to’annaa isaa jala guutummaa guutuutti taanu fedha.Waaqayyoos akka inni fedhetti osoo kadhannee nuuf raawwata(1Yoh 5:14-15).
Continue Reding